top of page
  • Writer's pictureOLA Command

Of-Ittisuun Mirga Uumamaati!

(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)

Lolli sanyii duguuggaa Partii bilxiginan (PPn) Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru WBOdhaan fashaluu irra darbee, WBOn dachee Oromiyaa dhuunfachuu eegaluun abdii guddaa Oromootti horee jira. Lolli WBOn gaggeessaa jirus lola haqaa (just war) kan nagaa waaraa dhalchuuf gaggeeffamaa jiruti.

Lolli gama biraan gaggeeffamaa jiru ammoo itti baha dogoggoraa siyaasa EPRDF baroottan darban keessatti raawwate irraa kan madde dha. Herregni aangoo siyaasaa humnaan dhuunfatanii humnaan tikfachuun dandahama jedhu uummata fi biyya keenya gatii ulfaataa baasisaa jira. Qaamooti nutu mootummaa dha ofiin jedhan, gatii ulfaataa uummatni baasaa jiru hubachuu hanqachuun, faallaa fedhii uummata dhaabbatanii, uummatni lola kana keessatti PP deeggaree hirmaachuun irbaata rasaasaa ta’u dhidhiba jiru.

Uummati keenyi Oromoo Walloo sababa gurguddoo sadiif lola kaaba Itiyophiyaa keessatti hirmaachuuf dirqama. Jalqaba lolli kun kan hogganamaa jiru miseensota EPRDF duraaniin ta’uun isaa uummata keenya Walloof dantaa guddoo qabaachuu dhiisuu malu; itti aanee uummati keenyi Oromoo Walloo daangaa Amaaraa fi Tigray gidduu waan jiruuf lolli dachee isaa irratti akka gaggeeffamtu dirqaa jira; kan sadaffaa ammoo uummati keenyi mootummaa isa ittisuu dhabuu isaatiin balaa hamaadhaf saaxilamaa dha.

Oromoon Walloo PP fi Humna addaa naannoo Amaaraa deeggaranii lola kana keessatti hirmaachuu jechuun, seenaa sanyii duguggaa yeroo dhihootti Shawa Robit keessatti raawwatame dagachuu jechuu dha. Loltuu PP fi Faannoo obboloota, abbaa fi hadha keenya qalaa jiran deeggaruu jechuu dha. Loltuu har’allee qee’ee Oromoo Guji, Wallagga, Walloo, Matakkal, Gindabarat fi kkf mancaasaa jiru fi ilmaan Oromoo dirree fi hidhaa keessaa baasanii akka bineensaatti ajjeesaa jiran gargaaruu jechuu dha.

Lola qee’ee Oromootti itti dhufe kana Oromoon of irraa ittisuuf mirga guutuu qaba. Balaa kana of irraa xiqqeessuuf gurmuu ofii jabeeffachuu fi qawwee argame mara ofitti fudhatee, qaama leenjii lolaa qabuu fi ijaarame jiru hidhachiisuun dirqii dha. Lolli Oromoon lolaa jiruu lola mirga sabaa fi mirga abbaa biyyummaa ofii kabachiisuti! Qawwee argate mara wal hidhachiisee of ittisun mirgaa fi dirqama uumamaan qabu dha! Wal dammaqsee, wal ijaaree, hidhatee sosso’uunis dirqama uumamaa isaa ittisuuti. Waan ta’eef, uummati keenyi:

  1. PP fi Humna Addaa Amaaraa deeggaree akka lola kana hin seenne akeekkachiisna.

  2. Yakka waraanaa uummata keenya Oromoo Walloo irratti dalagamaa jiruu maraaf gaafatamaan mootummaa fi qaamota Mootummmaa impayera Itiyophiyaa keessa jiran ta’uu uummata keenyi, uummattoota cunqurfamoo fi hawaasa idil-addunyaa hubachiifna.

  3. Loltooti PP keessa jirtu, lolli kun lola akeekaa fi kaayyoo uummataa kan hin qabne waan ta’eef, aangoo nam tokkoo ykn murna eenyummaa keessan dhabamsiisuuf dhama’u dura dhaabbadhaa. Lolli hin barbaachisu jedhaa, ittiin mormaa.

  4. Yakkamtooti waraanaa marti seenaa fi seeraan waan gaafatamaniif, murna afaan boollaa irra dhaabbatee dhaadatu kana waliin awwaalamuu keessan dura lubbuu keessan qaalii akka baraartan akeekkachiisna.

  5. Loltooti hidhannoo of harkaa qabdan, akeekaa fi kaayyoo uummataa bakkaan gahuuf hidhannoo keessan waliin akka WBOtti gabaastan irra deebiin waamicha isiniif dhiheessina!

  6. Hawwaasni idil-addunyaas qabsoo ilmaan Oromoo fi sabooti cunqurfamoo bilisummaa, mirga hiree ofii ofiin murteeffannaaf, kabajaa fi ulfina dhala namaaf gaggeessaa jiran hubachuun akka qabsoo ABO-WBOn fi humnoota cunqurfamoo waliin dhaabbattaan dhaammanna.

  7. Toftaan abbaan irree, uummattoota walitti buusee yeroo gabrummaa fi gidriaa sabootaa dheeressuu waan ta’eef, cunqurfamootni impayera Itiyophiaa keessa jirtan marti, shira Abiy itti jiru irratti dammaqxanii, irree tokkoon sirna cunqursaa PP diiguun, sirna haqaa fi dimokraasii dhugaa diriirsuun nagaa waaraa dhalchinu waamicha dhiheessina.

  8. Furmaati rakkoo siyaasaa impayerittii gaaffii uummata guddaa keessummeessuun, mirga hiree murteeffannaa uummataa dhugoomsuu dha malee, aangoo siyaasaa harka nam tokkee ykn murna tokkoo galchuudhaan ta’uu akka hin dandeenye mirkaneessina.

  9. Meeshaan lola keessaa uummata baasuu dandahu haqaa nam tokkee fi sabaa kabajuun, waltajjii gaaffiileen siyaasaa irratti keessummeeffamaniif sirna dimokraasii dhugaa diriirsuun, nagaa waaraa dhalchuun, kabajaa, wal-qixxummaa dhala namaa mara mirkaneessuun murteessaa ta’uu ajajaan ol’aanaa ABO-WBOn hubachiisna.

  10. Haala sirni bulchiinsa haqaa uummataaf hin tolfamne keessatti uummatni balaa irraa of baraaruuf ijaaramee sosso’uun mirgaa fi dirqama uumamaati!

Injifannoo Ummata Oromoof! Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO Onkoloolessa 25, 2021

4 views0 comments

Recent Posts

See All
bottom of page