top of page
  • Writer's pictureOLA Command

Humnootni Amaaraa Dubartii Oromoo Ulfa Morma Kutanii Ajjeesani fi Barattoota Oromoo 18 Ukkaamsan ...

(Ibsa ABO-WBO)

Yakki duguuginsa sanyii Abiy Ahmadii fi humnoota Amaraatiin ummata Oromoo irratti raawwatamu akka malee hammaatee itti fufee jira. Addatti immoo Naannoon Beenishaangul Gumuz mandhee humnoota shororkeessaa mootummaan ijaaree bobbaase kanneen akka Raayyaa Ittisa Biyyoolessa Itoophiyaa, Humna Addaa Amaaraa fi murna shiftaa Amaaraa Faannoo ofiin jedhu ta’ee jira. Humnootni kunniin Beenishaangul Gumuz bakka awwaalcha lammiilee Oromoo, Tigraay fi kanneen bu'uura irraa naannicha keessa jiraataa turanii uummata Benshangul Gumz taasisuu erga eegalanii bubbulee jira. Humnootni Addaa Amaaraa fi hidhattoonni Faannoo jedhaman naannichatti lammiilee nagaa fixuudhaan qabeenya isaanii saamaa akka turan irra deddeebiin ibsaa turre. Shororkeessummaan bifa kanaan mootummaadhaan raawwatamu ammas akkuma itti fufetti jira.

Aadde Birahaanee Raggaasaa, dubartiin garaatti baattuu fi haadha ijoollee torbaa taate, Kibxata gaafa Bitootessa 15, 2022 albeen morma kutamuun akkaataa suukkanneessaan ajjeechaan ishee irratti raawwatame gochaa Bara Qarooma Dhagaa fakkaatu humnoota Amaaraatiin irra deebi'mee kan raawwatamaa jiru ta'uu agarsiiftuu dha. Gochaan lugnummaa hammeenyaa fi gara jabinaa kun naannoo Beenishangul Gumuz, Aanaa Dibaaxeetti raawwate.

Dabalataan, humnootni Amaaraa Naannoo Beenishaangul keessa socho'an gaafa Bitootessa 17, 2022 ganama barattoota Oromoo baay'inaan 18 ta'an konkolaataa keessaa buusanii ukkaamsan. Barattoonni kunniin kan ukkuumsaman naannoo Beenishangul Gumuz, Aanaa Dibaaxee bakka Bishaan Adii jedhamuun beekamutti. Barattoota 18 ukkaamsaman keessaa 12 maqaan isaanii akka armaan gadiitti adda bahee jira:

  1. Koltee Fayyisaa,

  2. Taarraqeny Argataa,

  3. Dabalaa Siyyum,

  4. Raggaasaa Baagonjoo,

  5. Jabeessaa Tashoomee,

  6. Geexee Kabbadee,

  7. Ayyaantuu Gammachuu,

  8. Haayilee Basee,

  9. Immabeet Gaaromaa,

  10. Kafyaalew Waaqjiraa,

  11. Jaalannee Gammachuu fi

  12. Fayyisaa Makonnin kanneen jedhamani dha.

Humnootni nageenyaa Abiy Ahmadii fi waahillan isaa finxaaleyyiin Amaaraa lammiilee Tigraay baay'inaan sagala ta'an garii isaanii ajjeesuun kan hafan immoo fayyaatti ibiddaan gubanii fixuun isaanii yaadannoo yeroo dhihoo ta'ee osoo jiruu, yakka suukkanneessaa dabalataa raawwachuu itti fufanii jiru.

Kanaaf, gochoota humnoota Amaaraa fi gartuun isaan waliin hidhata qaban akkasumas qaamota Abiy Ahmad bobbaaseen adeemsifamaa jiran kanneen hubachuun hawaasni idil-addunyaa shororkeessummaa mootummaan raawwatamutti akka ramadu jechuun yaamicha keenya dhiheessina. Hawaasni idil-addunyaa dhiittaa mirga dhala namaa golee kamittuu raawwatamu dhaabsisuuf dirqama ni qaba. Akka kanaan, mootummaan abbaa irree kun shororkeessummaa lammii 'ofii' irratti raawwatu dadhabsiisuuf jecha dhaabbileen idil-addunyaa qoqqoobbii waraanaa fi dinagdee akka irra kaa'an ABO-WBOn ni gaafata. Humni tokkochii fi guddichi nagaa fi sabatiinsa Gaanfa Afrikaatiif yaaddoo ta'e Abiy Ahmadii fi gartuu yakkamtoota shororkeessitoota Amaaraati.

Qaaxxee hamtuun namummaa fi kabaja ummata keenyaa irratti qiyyaafate fala osoo hin argatiin kan hafu akka hin taane ummata keenyas beeksisuu feena. ABO-WBOn yakkamtootni kuunnin akka fuula seeraa duratti dhihaatanii gaafatama fudhataniif humna qabu maraan, haqa ummata isaa mirkaneessuuf kan hojjetu ta'uu hubachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof fi saboota cunqurfaman maraaf! Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO Bitootessa 22, 2022

81 views0 comments

Recent Posts

See All
bottom of page