top of page
  • Writer's pictureOLA Command

Korri Guddaan ABO-WBO Kan Waraanni Bilisummaa Oromoo Gaggeesse Milkiin Xumuramuu Ajajaa Ol’aanaan...

Korri guddaan ABO-WBO hogganoota, qondaalotaa fi miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo hirmaachisuun zooniilee Lixaa fi kibbaatti yeroo walfakkaataa tahe ajandaa marii tokko qabaachuun gaggeeffamaa kan ture yoo ta'u, milkii fi injifannoon xumuramuunis gabaafameera.  

Ajandaan marii haala dhimma yeroo kaasuun, kan darbe irratti marii gad fageenyaa gaggeessuun, fuulduree qabsoo bilisummaa Oromoofis kallattii kaahuun yoo goolabamu, qajeelchitoota hegeree qabsoo Oromoos of keessaa filachuun bobbaa duula WBO itti aanuu qindeeffachuuf imaanaa walirra kaawwachuun irree fi gaachana ummata Oromoo kan tahe WBOn milkiin kallattii dhufetti imala eegalee jira.   

Hirmaattonni kora guddaa ABO-WBO kan Zoonii lixaa Magaalaa Gimbii jalatti gaggeeffame irratti argamanis WBO Zoonii lixaa godinoota Wallagga arfan, Godina Jimmaa, Godina Iluu Abbaa Booraa fi Buunnoo Beddellee akkasumas Zoonii gidduugaleessaa irraa ajajaa Zoonii dabalatee yoo ta'u, yeroo wal fakkaataatti kora isaa gaggeessaa kan ture Zoonii Kibbaa irraas qondaalonnii fi ajajoonni ol’aanoo ABO-WBO karaa toora bilbilaa hirmaannaa godhuun ibsameera.   

Kora kana irrattis sagalee tokkichaan murtiin darbe, ABO-WBOn dhaaba of dandahe: seera, heeraa fi sagantaa siyaasaa ABO isa ganamaan kan taliigamu yoo tahu dhaaboleen siyaasaa maqaa ABO jedhuu, seera, heera, sagantaa siyaasaa, alaabaa dhiigaan dhuftee fi asxaa dhaabichaa kan ganamaa akka barbaadanitti jijijjiiraa daldala siyaasaa godhatanii ummata burjaajessan martuu kan seeraa fi seenaan gaafataman tahuu hubachuun gochaa isaanii aduun itti dhiite kana irraa akka dhaabbatanis akeekkachiiseera.  

ABOn jiru dhaaba tokkicha kan waraana bilisummaa Oromoo of jalatti goblaa godhatee fi jaarmiyaa akeekaa fi kaayyoo qabsoo bilisummaa, walabummaa fi birmadummaa Oromiyaa afaan qawween kabachiisuuf falmaa hadhooftuu gochaa jiru qofaa tahuus ummanni Oromoo akka hubatu korri ABO-WBOn gaggeeffame waamicha isaa dabarseera.   Kan kana irraa hafe dhaabni kamuu maqaa ABO jedhuun adeemu hundi gufuu, burjaajii fi walqoqqoodinsa hawaasa bal'aa keessatti umuuf yoo tahe irraa kan hafe qabsoo Oromoo taakkuu tokkollee gara rarraga bilisummaatti kan hin bunne tahuun beekamadha, kana duras mul'atee darbeera.  

Dhaloonni har'a kaayyoo fi akeeka ABO kan ganamaa galii godhachuun socho'aa jiru, waraanni bilisummaa Oromoos, daandii dhugaa sanarra hiriiruun saba Oromoo gara mirga boortaan dhorkame akka boortaan deeffatuutti geessuuf wal'aansoo isa dhumaaf onnee fi hamilee guutuun of qopheessee murtii keessa deebii hin qabneen kora isaa jalqabaa injifannoon guduunfateera. Humni diinaa qophii kora kanaa irraa eegalee hanga xumura isaatti fashalsuuf irra deddeebiin yaaliin taasises milkii malee qolannaa gooticha waraana bilisummaa Oromoon kallattii lachuu Lixaa fi Kibbatti kolaafameera. WBOn qubsuma diinaa jala taa'ee lolaa kora geggeessee, kora gaggeessaas lolee gootummaa, cichoominaa fi dandeettii qabu diinatti argisiisuufis dhimma itti baheera.  

Xumura irrattis ABO-WBOn ajajootaa fi qondaalota waraanaa dhaabicha kan yeroo kamuu caalaa duratti furgaasuun dhaaba jabaa fedhii dhimma Oromoo kabachiisu taasisa jedhee itti amanu of keessaa filachuun milkiin goolabee miseensonni kora guddicha irratti hirmaataa turan gammachuu isaanii dhiichisaan ibsatanii Galfata qabsoo itti kennamte kudhaammachuun addaan gara kallattii bobbaa ofiitti imalaniiru. 

Bifa kanaanis: korri waraana bilisummaa oromoon gaggeeffame hanga kora ABO itti aanuutti, 

Jaal Marroo Dirribaa ajajaa ol’aanaa ABO-WBO gochuun yoo muudu  

Jaal Gammachuu Abbooyyee ammoo itti aanaa ajajaa ol’aanaa ABO-WBO gochuun filateera. 

Qondaalonni waraanaa sadii koree qaama ajajoota olaanoo ABO tahuun birkiilee adda addaa irratti dabalataan kan muudaman yoo tahu, qaamni ajajoota olaanoo ABO WBOs gurmuu miseensota shanii niqabaata jechuudha.  

Akkasumas Jaal Odaa Tarbii dubbii himaa ABO WBO Idil Addunyaa tahuun akkaatuma duraaniitti hojii isaa akka itti fufus korri guddaa

Dhimmoota ABO WBO ilaallatan irratti dalagaan dalagamu kan birkiilee garaagaraas namoota ajajoonni ABO-WBO qajeelchaniin akka itti fufu kan murtaahe yoo tahu, yoo barbaachisaa tahee argame qofa haala, fafaafi mishooma isaa ilaaluun gara fuulduraatti kan ibsaman akka tahes korri ABO-WBO murteesseera. Kanaan alatti namoonni ofumaan of tolchuun, ofumaan bakka of buusanii dhimma waraana bilisummaa oromoofi hegeree qabsoo oromoo ABO-WBOn durfamtu irratti burjaajii murtoo walmuraa kan qabsoo sabaa sharafu borcan gonkumaa kan ABO-WBO bakka hin buuneefi ejjennaa WBO hin ibsine tahuus asumaan hawaasa keenya bal'aaf mirkaneessuu barbaanna.

ABO-WBOn dhaaba gurmuu jabaa of dandahe naamusa fi sansakkaa loltuun bilisummaa ittiin masakamuun kan iccitiin qabsoo gaggeessu malee dhaaba keessaa fi diidasaa Kara deemaan hundi seenee laaqu miti. Qabsoon Oromoo dirree jirti, qabsaahaanis Oromiyaa keessa jira. Waan ta'eefuu warri wareegama qabsoon feetu kanfalee dungoo tahuun wanjoo gabrummaa jalaa saba bilisa baasuuf fedhii qabu hunduu: 1. Haala garaa garaan warri waraana bilisummaa Oromoo keessaa of moggeessitan,

2. Akkasumas warri biyyoota Ambaa teessanii qabsoo hogganuu feetan akka Jaarrolii Tigraayi warra hokkootti rarra'aa dirreetti argamee saba isaaniif kallattii kennaa jiruutti koottaattii dirree keessatti argamaa qabsoo bilisummaa Saba keessaniif gumaacha feesisu darbees aarsa barbaadamu kanfaluun hegeree ummata Oromoo irratti murtii darbu keessaa qooda qabaadhaa jechuun WBOn dirree qabsootti akka argamtan waamicha isiniif dabarsa.

3. Ummanni Oromoo bal'aan baroottan darban hedduu roorroo gabrummaa hadhooftuu mirga namummaa akka namaatti namni qabaatuu qabullee dhabuun akka bineensa daggalaatti qehee of irratti adamfamaa jiraattan, gidiraa akkanaa jala bahuuf wal'aansoo ishee xumuraa waraana bilisummaa Oromoo cinaa dhaabbachuun irree cunqursaa yeroo isa dhumaaf cabsuuf falmii akka finiinsitan ABOn waamicha isniif taasiseera.

4. Qeerroon bilisummaa oromoo akkuma kanaan dura itti jirtan ammas dachaan jabinaan of gurmeessuun bakka WBOn diina lolu mataatti diina irraa hiikkattanii of hidhachiisuun falmii cunqursaan kokkee walqabaa jirtanii cimsitanii akka itti fuftan ABOn dhaamsa isniif dabarsa.

Dalagaan qabsoo eegalle takkaa dhaabbattee hin beektu borus hin dhaabbattu; itti wareegamnee ykn galmaan geenyeetu goolabamti.

Kora Guddaa ABO/WBO

Adoolessa 25/2021

IUOf!

32 views0 comments

Recent Posts

See All
bottom of page