top of page
  • Writer's pictureOLA Command

Ibsa Gabaabaa (Muddee 3, 2021)

(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)

Nagaan keenya isin haa gahu. Namni gidduu kana tibbana miidiyaa hawaasummaa irratti bahee yaadawwan jibba amantii Islaamaa dhiheessu karaa kamiinuu WBO waliin kan hidhata hin qabne tahuu sin beeksisuu feena.

Kana malees, WBOn olola jibbiisaa fi addaan-qoqqoodaminsa uumuutti fuuleffate akkanaa cimsee balaaleffata; uummanni Oromoos tokkummaan dhaabatee akka gochaa akkanaa mormu yaamicha dhiheessa. Itti dabaluunis namni dhunfaa kun yaadotni inni hirmaanna ykn walitti dhufeenya Waraana Bilisummaa Oromoo waliin akka qabu fakkeessun kenne hundinuu soba hamaa akka ta’e hubatamuu qaba.

Namni dhunfaa kun miidiyaa irratti mul’ate waliin ta’uun soboota kana durse fi karoorsee akka rawwate hubachuun barbaachisaadha. Gurmuun gochaa kanatti bobba’e bara dabre WBO gidduutti qoqqoodaminsa uumuuf karaa hedduu carraaqee ture. Garuu, karaa deeme maraanuu ni kufe; tokkottiyyuu hin milkoofne.

Namoonni tokko tokko oduu sobaa uumuu fi facaasuudhaan waa’ee WBO burjaajii babal’isuutti fuuleffachuun isaanii nama gaddisiisa. Uummatni Oromoo oduu bu’ura qabatamaa hin qabne miidiyaa hawaasummaa irratti dhihaatu amanee fudhachuu irraa akka of eeggatu gaafanna.

Injifannoo Uummata Oromoof! Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO Muddee 3, 2021

13 views0 comments

Recent Posts

See All
bottom of page