top of page
  • Writer's pictureOLA Command

Abbaan Irree Tumsa Sabaa fi Sablammootaan Bakkaa Ka’a!

(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)

Ajajaan Ol’aanaa ABO-WBO dhimma Tumsa humnoota farra abbaa irree Abiy Ahmed ta’an waliin walitti dhufanii marihachuu eegaluu Associated press irratti erga ibsanii booda, ololli sodaa irraa madde aktivistootaa fi media PPn karaa leellistoota nafxanyummaa ifaan yeroo gaggeeffamu, warra ABO-WBO siyaasa keessaa moggeessuun qabsoo Oromoo gara fedhanitti micciruun dantaa dhuunfaa fi fedhii isaanii guuttachuuf dhama’aniin ammoo harka lafa jalaan gaggeeffamaa jira.

Akeeki tumsa sabootaa kun, sirna abbaa irree Abiy Ahmed diiguun, ergamtoota isaa waliin seeratti dhiheessuun, mirga hiree murteeffannaa saboota mirkaneessuun fi mootummaa waloo kan cehumsaa dhugaa filannoo haqaa fi bilisaa gaggeessuun uummata keessaa hoggana siyaasaa baasu dha. Tumsi yeroo gabaabaa fi dheeraa qaamota siyaasaa gidduutti tolfamu kunqabsoo saba tokkoof gargaara jedhamee yoo amaname, qaamota tumsa sana tolfatuun murtaawa.

Ololli tumsa kana dura dhaabbachuuf gaggeeffamu murnoota sadiini, isaanis; tokkoffaan, leellistoota nafxanyummaa kan ol’aantummaa Amaaraa kan sabboonummaa sabootaa dhabamsiisuun dhugoosmuuf hojjetaniin; lammaffaan, OPDO duraanii kan amma ergama leellistoota nafxanyummaa fudhatanii raawwachuuf dhama’an fi sadaffaan, kajeeltota qabeenyaa fi aangoo bubuutuu ilaallataniin gaggeeffamaa jira.

Akeeki olola kanaa; tokkoffaan, milkoomiina tumsa kanaa danquun humnooti siyaasaa kan mirga hiree murteeffannaa sabaa fi sablammootaa fudhatan akka hin milkoofne tolchuu dha. Haala kanaan, abbaa irree Abiy Ahmed aangoo irra tursuun gidiraa uummattoota irratti dheeressuu ta’a. Leellistooti nafxanyummaa bara dhibbaa fi shantamaa oliif eenyummaa Oromoo fi saboota cunqurfamoo dhabamsiisuuf dhama’an, kan har’as Oromummaa dhabamsiisuuf wixxifataa jiraniif faallaa ilaalcha siyaasaa isaanii waan ta’eef dura dhaabbatu. Lammaffaan, yakkoota Oromiyaa, Benshangul, Tigray, Walayita, Qimant, Sidama fi kkf keessatti raawwatan haguuganii yakkamtoonni akka seeratti hin dhiyaanne danquufi.

Yakkooti waggoota 30 darban Oromiyaa keessatti raawwatameef gaafatamaan jalqabaa OPDO dha. Waggoota 27, akka qaama EPRDFtti ergama kana fudhatee kan Oromoo irratti yakka raawwachaa ture OPDO dha. Kunis, afaan aangawoota OPDOn dhugaa bahaa turan yeroo ta'uu, Abiy Ahimedis ‘shororkeessaan nuyi’ jedhee paarlamaa fuuldura ta’ee dubbachuun, yakkamaa ta’uu isaa ifaan fudhatee jira. Yakkoota wal-fakkaataa fi ulfaatoo baroottan sadan darban keessatti raawwatamaa jirus, itti fufiinsa yakka waggoota 27 keessa dalaganitiif kan ragaa dha. Ammatti Oromoon PP/OPDO caalaa diina hamaa akka hin qabaannee kan mirkaneessu yakkoota baroottan darban sadan keessatti raawwatan dha.

Baroottan darban sadan keessattis OPDOn maqaa jijjirrachuun leellistoota nafxanyummaa irraa dirqama fudhatanii, Oromummaa dhabamsiisuuf yakka ol’aanaa Oromiyaa keessatti raawwatanii jiru. Uummatni Oromoo Gujii, Wallaggaa fi Shawaa ibiddaa keessa ture, qabeenyi Oromoo, qe’ee fi oyruun Oromoo ibiddaan barbaadaawee fi ciramee jira, dhalli namaa manni itti cufamee ibiddaan gubamee jira, dhalli namaa dhiiraaf dhalaan gudeedamaanii jiru, dhalli namaa dirreetti baafamee otoo uummati ilaaluu rasaasaan reebamee ajjeefamee jira. Baroottan 27 darban keessa Oromoon akka baroottan sadan darbanii bifa sukkaneessaan mana hidhaatii baafamee adda-babayiitti ba'ee rasaasaan reebamee ajjeefame hin turre, ilmi keessan bosona jira jedhamee ifaan maatiin rasaasaan ajjeefame hin turre, dhiirri hin gudeedamne, dhalli namaa manni itti cufamee hin gubanne, qe’een Oromoo ibiddaan gubamaa vidiyoo waraabamee hin facaane, Minilik kaleessaa Oromoo ajjeesuun sirrii dha, biyya ijaaruuf ajjeese, har’as Itiyophiyaa jiraachisuuf isin du’uu qabdu, jedhamee itti hin qoosamne.

Dabalataan, PP fi leellistooti nafxanyummaa akka gaaffiin siyaasaa Oromoo deebbii hin argannef WBOn shororkeessaa dha, WBOn saba Amaaraa kan Oromiyaa keessa jiraatan irratti sanyii duguuggaa gaggeessa, jechuun olola kijibaa facaasuu irra dabartee waraana guddaa WBOtti bobbaasuun uummata nagaa fixaa turte. Humnooti shiraa kun uummata Oromiyaa Afaan Amaaraa dubbatan lixa Oromiyaa keessa jiraatan ajjeesuun daldala siyaasaaf oofachuuf akka WBOn ajjeechaa sabaa irratti qiyyaafatetti ololaa turan. Erga lolli Tigray keessatti jabaatee booda garuu, ajjeechaa maqaa saba Amaaraa jedhuun Oromiyaa keessatti gaggeeffamun dhagahamaa hin jiru. Kunis, ajjeechaa kana kan gaggeessaa turan warra har’a gara Tigrayitti bobbaafaman akka ta’e ragaa dha.

Warri yakka Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa ture argaa fi dhagahaa haqa uummataa dubbachuuf sodaadhaan afaan cuqqaallatee ture, amma afaan banachuun tumsa kana mormuun guddoo nama hin aja’ibu. Warri kun marti beekaas ta’e wallaalaan ajandaa nafxanyummaa bakkaan gahuuf yakka maqaa Itiyophiyaatiin Oromoo fi saboota biroo irratti gaggeeffamaa jiru haguuguun, gaafatamummaa keessaa bahuuf wixxifatu. Tumsi kun dhugoomuun, Abbaa irree Abiy Ahmed burkuteessee yakkamtoota hunda waan seeraatti dhiheessuuf shororkaa keessa seenanii jiru.

Bara aangoon siyaasaa harka PP jiru keessatti mormitooti siyaasaa tumsa siyaasaa ABO-WBO fi TDF morman, akeeki isaanii ergamaa leellistoota nafxanyummaa fudhatanii fiiguu irra adda baafamee hin ilaalaman. Tumsa TDF fi ABO-WBO gidduu ta’uuf deemu dura dhaabbachuuf ololuun, takkaawuu siyaasaa wallaaluu irraa ykn ammoo ‘yoon ani du’e coqorsi hin biqiliin’ harreen jette sana irraa akka madduu beekamuu qaba.

OPDOn akka TPLFn tolfamtee akeeka EPRDF galmaan gahuuf bobbaafamte shakkiin hin jiru. OPDOn tolchaa ishee waliin wal-lolte, tolchaa ishee hadheessuu fi dhabamsiisuuf yaaltee of ajjeesaa jirti. ABO-WBOn garuu, kaayyoo sabni Oromoo qabu galmaan gahuuf jaarmiyaa dhiigaa fi lafeen ijaarame dha.Ergamtooti gooftaa jijjiirrataa baahan ABO-WBOdhaan gooftaa diinaa yoo jedhan malee ergamtu jechuuf haamilee itti hin qaban. Kanaaf ragaan, ABO-WBOn waggoota 50 darban keessa ibiddaan qoramee, beelaa fi dheebuu keessa darbee, dhiiga isaa dhangalaasee, du’ee qabsoo jiraachisee, haalota zaliilii fi rakkisoo tahaan keessatti akeekaa fi kaayyoo Oromoo qabatee uummata isaaf amanamaa ta’uu mirkaneessaa jira. ABO-WBOn uumamni isaa kaayyoo saba Oromoo galmaan gahuuf malee ergamuuf hin ta’u. Walii galteen saboota gidduutti tolfamuuf deemus kan dantaa sabaa hin sharafne, kan ABO-WBOn abboomamu, kan mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu saba Oromoo mirkaneessu, kan fedhii fi walqixxummaa sabootaa irratti hundaa'u qabu akka ta’e uummati keenyi akka hubatuu fi olola diinaan akka hin burjaajofne ajajaan ol’aanaa ABO-WBO dhaama.

Dhuma irratti, tarkaanfiin tumsa siyaasaa fi waraanaa ABO-WBOn saboota cunqurfamoo kan mirga hiree murteeffannaatti amanan waliin taasisuuf haasawaa eegalame kanaan kan rifatee visaa qopheeffachaa jiru yakkamtoota PP dha. Ololli kuniis jibba galma gahumsa qabsoo Oromoo irraa, akkasumaas sodaa abbaan irree aangoo irraa yoo kaafame barri aangoo isaanii waan dhumatuuf akka ta’e hubatamuu qaba. Faashistummaan PP qabsoo ABO-WBOn godhaa jiruu fi tumsa uummattoota waliin toflamuun xumuratti tarkaanfachaa jiraachuu uummati keenyi akka hubatu feena. Ololli diinni fi jaleen diinaa oofaa jiran kamiyyuu kan Qabsoo Oromoof quuqamuu irraa akka hin taane beekamee, Oromoon ABO-WBO waliin tahee biyya isaa irratti abbaa ta’uuf biyya isaa mirkaneeffachuuf naannoo isaadhuunfatee bulchuutti akka seeny waamicha dabarsina. Kanaaf, tumsii sabootaa kan ABO-WBOn keessatti hirmaatu kun tarkaanfii sirrii fi yeroo isaa eeggatee tahuu kan mirkaneessuu wacaa fi boo'icha diinaa fi jalee diinaati! Abbaan irree tumsa sabootaan bakkaa kaafama!

Injifannoo Ummata Oromoof! Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO Hagayya 13, 2021

7 views0 comments

Recent Posts

See All
bottom of page