top of page
  • Writer's pictureOLA Command

Uummata Saamuun Yakka Ol’aanaa Dha!

(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) akeeka siyaasaa ABO qabatee uummata Oromoo cunqursaa fi saamicha jalaa baasuun rarraga bilisummaan gahuuf dirqama guddaa qaba. Gabaasi uummata keessaa Horro Guduruu Wallaggaa fi Shawaa Lixaa keessaa nu dhaqabaa jiru ammoo yakkamtooti tokko tokko maqaa WBO dhahachuun uummata keenya irratti saamichaa fi doorsisa irraan gahaa jiraachuu dha. Qaamni yakka kana raawwachaa jiru kamuu kan WBO bakka hin buune, ergama diinaa kan qabu, sadoo mataa isaaf dhaabbate ykn sirna dhablee waan ta’eef ajajaan ol’aanaa ABO-WBO akka tarkaafii feesisu fudhatu hubachiisa.

Saamichii fi uummata irratti roorrisuun faallaa naamusa WBO fi aadaa WBO keessatti balfamaa dha. WBOn wareegama lubbuu kan baasaa jiruufs akeeka eebbifamaa kudhaammateeti. Warri gochaa fokkataa kana raawwatan wareegama WBOn lubbuu isaa qaalii saba isaaf baasaa jirutti cilaattii dibuuf akka ta’e beekamuu qaba. Gochaan uummata saamuu, itti roorrisuu fi doorsisuun ulaagaa kamiinuu WBO biratti kan fudhatama hin qabne dha.

Waan ta’eef, WBOn gochaa gosa kanaa raawwatamu ta’ee ilaaluuf obsa hin qabu. Kanaaf, ajajooti WBO naannoo keessa jirtan keessattis yakkamtoota saamichaa uummata irratti gaggeessanii fi uummata irratti roorrisan tohachuun akka seeratti dhiheessitan ykn tarkaanfii feesisu fudhachuun haqa uummata keenyaa eegdan ajajaan ol’aanaa ABO-WBO hubachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof! Sadaasa 23, 2021 Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO

5 views0 comments

Recent Posts

See All
bottom of page