top of page
  • olaspoxoffice

Ajjeechaa Agamsaatti Faanoon Raaw'ate Ilaalchisee

Updated: Jan 19, 2023


(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)

Gaafa Hagayya 30, bara 2022, fiinxaaleyyiin Faannoo fi humnoonni bulchiinsa naannoo Amaaraa godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Amuruu, magaalaa Agamsaa keessatti yoo xiqqaate namoota 62 jumlaan fixan. PP irraa faara eyyamaa argatanii eega magaalaalee naannawa sana jiran hedduu dhuunfatanii booda kan hidhattoonni kun gochaa kana raaw’atan. Haleeltonni kun baankiiwwan, suuqiiwwan fi manoota hunda jechuun danda’amu saamanii mancaasan. Namoonni ijaan argan akka jedhanitti qabeenyaalee saaman mara bajaajii, doqdoqqee yokaan motorbiskileetii fi konkolaatota asxaan Poolisii Naanoo Amaaraa itti maxxansameetti fe’atanii deeman. Namoonni ajjeefaman baay’inaan ijoollee fi maanguddoota haleellaa fixinsaa sana jalaa fiiganii ba’uu dadhaban tahuun beekamee jira. Ajjeechaan suukanneessaan akkanaa hookkara akka tasaa uumame otuu hin taane gochaalee deddeebi’anii mul’atan keessaa qaama tokko, ka PPn dantaa siyaasaa ittiin guuttachuuf jecha humnoota seera-qabeeyyii hin taane adda addaa bobbaasuun uummata gidduutti wal-dhabinsaa fi hookkara ittiin facaasuu dha.


Milishoonni Faannoo fi humnoonni mootummaa naannoo Amaaraa godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa bakkawwan daangaa Amaaraatti dhihoo jiran baay’ee qabatanii jiru. Aanaa Amuruu keessa aanaalee jiran 21 keessaa 16 eyyama PPtiin humnoota kanaan dhuunfatamanii jiru. Humnoonni kun, akka qaama sagantaa muummee-ministaraa itti-aanaa Dammaqaa Mokonniniin to’atamuutti, mooraa leenjii Bir Shalaqoo kan Bureetti dhihoo ta’ee fi bakka haleellaan fixinsaa kun itti raaw’atame irraa Kiiloo Meetira 50 qofa fagaatu keessatti leenjifamu. Humnoonni kun waggoota lamaan darban keessa, fixinsa Harootti geggeessame kan yoo xiqqaate siiviloonni dhalattoonni Oromoo 69 itti ajjeesamanii fi 52,000 itti buqqifaman dabalatee, haleellaalee fixinsaa hedduu raaw’ataa turan. Waraana federaalaa fi humnoota naannoo Oromiyaa maddii hiriiranii yeroo mara jiraattota ajjeesuu fi dararuudhaan duula shororkaa uumuutti hirmaataa jiran. Agamsatti ammallee reeffawwan hin awwaalamiin jiran waan argamaa jiraniif fixinsa raaw’atame kanaan lakkoobsi namoota dhumanii guutummaatti hin beekamne.


Fixinsi Agamsatti raaw’atameef kan haala miijesse gurmuun milishaa Faqqadaa Abdiisaan hoogganamu, kan WBO of fakkeessee naannoo sana socho’u jiraattota irraa hidhannoo hiikuu isaa ti. Gurmuun milishaa Faqqadaan hoogganamu kun fixinsi kun raaw’atamuu dursee naannoo Agamsatti bobba’ee jiraattota irraa hidhannoo hiikuu fi reebuutti ka’e. Kanneen mirga uummata Amaaraatiif falmina, jedhan humnoonni mootummaa naannoo Amaaraa fi milishaan Faannoo, gurmuu milishaa Faqqadaan hoogganamu, kan ajjeechaa Bitootessa, bara 2021 godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Jaarteetti Waldaa Kiristaanaatti raaw’atame dabalee ajjeechaalee hawaasaalee Amaaraa Oromiyaa keessa jiraatan irratti raaw’atameef itti gaafatamaa tahe waliin hiriiruu akkamitti akka filatan hibboo namatti taha. Akkuma loltoonni Raayyaa Ittisaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hangi tokko gara Kaabaa, gara lola Tigiraayitti geessamanitti, sirni PP hidhattoota milishaa Faqqadaa bakkawwan baay’ee godinaa Wallagga Bahaa, aanaalee Kiiramuu, Limmuu ADDA BILISUMMAA OROMOO (ABO-WBO) OLF-OLA HIGH COMMAND Date: September 2nd, 2022 Gaafa: Fuulbana 2, 2022 جبهة تحرير أورومو No.: IEABO-WBO/09-22 Lakk: IEABO-WBO/09-22 رقم تاريخ Galiilaa fi Giddaa Ayyaanaa keessa jiranitti bobbaase. Yeroo ibsi kun bahettti humnoonni keenya hidhattoota milishaa kanaa fi humnoota naannoo Oromiyaa Limmuu Galiilaa keessaa hari’ee baasee jira.


Sirni Abiyyii, yeroo kallattiilee hedduudhaan dhiibbaan of irraa deebisuu hin dandeenye isa mudate kanatti, hawaasaalee gidduutti wal-dhabinsa uumee wal irratti kakaasuu fi daran hookkara uumuudhaaf shira xaxuu jabeesse itti fufee jira. Akkuma makmaaksa Oromoo, “Harreen yoo ani du’e margi hin biqiliin,” jette, jedhu sanaa, mootummaan Abiyyi yoo irreen-bultummaan isaa akka jiraatu hin taasifamne biyyattii daran hookkaraa fi burjaajiitti naquuf akka waan isaaf danda’ame mara godhu beekamaa dha. Fixinsa Agamsatti lammiwwan hin hidhatiin yokaan siivilii irratti raaw’atame jabeessinee balaaleffachaa. Kana malees, akka jaarmayaaleen mirga namoomaa hatattamaan haleellaa fixinsaa Agamsatti raaw’atame kana irratti qorannaa geggeessan cimsinee gaafanna. Akkasumas akka uummatni keenya hundi kanneen ajjeechaa sana jalaa lubbuu baafatan, lammiilee kuma hedduutti lakkaawaman yeroo ammaa magaalaa Amuruu, Oborraa qubatanii jiran gargaarsa namoomaan birmaatuuf waamicha dhiheessina.


Injifannoo Ummata Oromoof!

Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO

Fuulbana 2, 2022






















62 views1 comment

Recent Posts

See All
bottom of page