top of page
  • Writer's pictureOLA Command

Alaabaan ABO, Mallattoo, Fakkii fi Qabeenya ABO fi Ummata Oromooti!

(OLF-OLA Press Release)

Alaabaa Oromoo ibisituu dukkanaa, guyyaa si dhaabbannee gabrummaa irraa baana jennee faarfannu; kan moggaa lamaan (irraa fi jalaan) diimtuu, gidduun magariisa, walakkaan isii aduu, handhuurti isii odaa, mataa gubbaan urjiin diimtuun mul’attu; hiikaa fi waan bakka buutu qabdi. Diimaan moggaa lamaanii fakkii dhiiga ummatni Oromoo fi WBOn bara dheeraaf diddaa cunqursaa fi bilisummaa gonfachuuf dhangalaase fi dhangalaasaa jiruu dha; magariisni fakkii badhaadhummaa fi taadhummaa Oromiyaa kan agarsiisu yoo ta’u, aduun fakkii barii bilisummaati; Odaan fakkii sirna dimookiraasii Gadaa ummata Oromoo kan dhaalmayaan dhufe agarsiisa; urjii diimtuun qara shanii fakkii qabsoo ummatni Oromoo nagaa, dagaagina, bilisummaa, dimookiraasii fi tokkummaaf gaggeessaa jiru bakka bu’a.

Itti dhimma bahuu Alaabaa Oromoo ilaalchisee, ABOn Heera isaa Aangoo 4. Qabxii 4.1 keessatti ‘’Asxaa fi alaabaan ABO, mallattoo, fakkii fi qabeenya ABO tii fi ummata Oromoo ti.’’ jedha. Faaruun Alaabaa Oromoos ‘’alaabaa Oromoo ibsituu dukkanaa, guyyaa si dhaabbanne gabrummaa irraa baana’’ jedhu mirkana alaabaan Oromoo kaayyoo fi wareegama ilmaan Oromoo baroota dheeraaf baasan agarsiisuu fi qabeenyummaan isaa kan qabsaawotaa fi uummata Oromoo ta’uu agarsiisu dha.

Alaabaan Oromoo kaayyoo saba Oromoo fi akeeka Oromiyaa bakka bu’a. Kabajaa fi ulfinni Alaabaa Oromoos, kaayyoo fi seenaa wareegamtoota ilmaan Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo bakkaan gahuuf baasanii waliin wal hidhataa dha. Kunis ilmaan Oromoo qaalii baddaa fi gammoojjii, baadiyyaa fi magaala, dirree lolaa fi hiriira fincila diddaa gabrummaa akkasumas falmaa kolonii keessatti gaggeessan mara kan nu yaadachiisu fi mallattoo tokkummaa saba Oromooti malee, mallattoo atakaaroo keessa nama seensisu miti.

Hawaasni Oromoo Alaabaa Oromoo itti dhimma bahuunis; jaalalaa fi ulfina alaabaa Oromoof qabaachuu fi kabajaa wareegamaa ilmaan Oromoo kan kaayyoo biyya ofii ijaaruuf baasan agarsiisu dha. Waltajjii hawaasni qopheessu irratti namooti dhuunfaa ejjennoo dhuunfaa isaanii haasaahanis, ejjennoo isaaniif kan gaafatama guutuu fudhatu qaamuma haasawaa taasise dha malee hawaasa waltajjii sana qopheesse akka hin taane beekamuu qaba. Namni waltajjii sana irratti afeeramus gosa alaabaa kan waltajjiin sun itti faayamu murteessuu hin dandahu. Kanaaf, hawaasni Oromoo Alaabaa Oromoo fi ABO kana of dura qabatee deemuuf,kaayyoo ilmaan Oromoo itti wareegaman ittiyaadachuu fi tiksu akka ta’ee fi qaama seenaa fi jireenya uummata Oromoo ta’uu hubachuun feesisa.

Injifannoo Ummata Oromoof! Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO Waxabajjii 9, 2022

15 views0 comments

Recent Posts

See All
bottom of page